Sagantaan Mana Maree Biyyaalessaa Dargaggootaa hundeessuu gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 24, 2015 (FBC)- Sagantaan Mana Maree Biyyaalessaa Daraggootaa hundeessuu gaggeeffame.

Sagantichi Mata duree “Manaa Maree Daraggoota Ityoophiyaa Sagalee Daragaggootaaf” jedhuun gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Ministirri Ministeeraa Dhimmaa Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoggee Tasfaayee fi Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Looistiksii Dooktara Alamuu Shimee dabalatee qondaaltonni mootummaa biroon argamaniiru.

Hundeeffama mana marichaarratti daraggoonni naannolee biyyattii fi bulchiinsa magaalotaa lameenirraa baba’an hirmaataniiru.

Manni marichaa Bitootessa 22, 2015 irraa eegalee dhimmoota garaagaraarratti mari’achaa turuu fi guyyaa kaleessaas Pireezidaantii fi miseensotaa hoji raawwachistuu filateera.

Guyyaa har’aas misensota dhiyaatan raggaasisuun Mana Marichaa hundaa’eera.

Tizzitaa Dassaalanyii fi Maahileet Takilabirhaantu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment