Sagantaan ‘maaddiin biyyaaf’ jedhu ifoome

Finfinnee, Hagayya 10, 2012 (FBC) – Sagantaa ‘maaddiin biyyaaf’ jedhuun Ityoophiyaannonni, dhalattoonni Ityoophiyaa fi firoottan Ityoophiyaa yerootti Ashaaraa badhaadhina Ityoophiyaa ka’aanidha jedhameera.

Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad, yeroo maaddiin biyyaaf ifoomsanitti maallaaqa fi humna walitti qabuun uumaama osoo hin balleessiin lammiileefi tuuristoota alaaf Ityoophiyaa mijaattu ni uumna jedhaniiru.

Sagantichii baatii Onkolooleessa jalqabarratti VVIP fi VIP kan itti kaffalamee affeerraan irbaataa ni jiraata jedhaniiru.

VVIP miiliyoona 10 yoo ta’u, VIPn ammoo miiliyoona 5 ni kaffaluu jedhameera.

Badhaadhina Ityoophiyaarratti lammiileen hundi Ashaaraa akka ka’aanif kara Ityoo-telekoom galiin erga gababan walitti qabamuus ni qopha’a jedhameera.

Diyaaspooraan deeggarsicharratti akka hirmaataniif lakoofsi herreegaa walitti qabuu ni banama jedhameera.

Waliigala sagantaa maaddiin biyyaaf jedhu kanarratti Birriin biiliyoona 3 ni argamaan eegama.

Qabeenyaa argamuniis Gorgoora, Waancii fi Kooyishaan waggaa dhufuu ni misoomu jedhameera.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment