Sagantaan leenjii deeggarsa Chaayinaan laatamu dargaggoota konkolaachiftoota Ityoophiyaa ga’oomsaa jira jedhame

Finfinnee, Adoolessa 11, 2015 (FBC) – Sagantaan leenjii deeggarsa Chaayinaan laatamu dargaggoota konkolaachiftoota Ityoophiyaa ga’oomsaa jiraachuu ibsameera.

Daandiin Baaburaa Ityoo – Jibuutii Chaayinaan ijaarrame lammiilee Ityoophiyaa fi Jibuutii kuma 55 oliif carraa hojii uumuu Shiiniwaan gabaaseera.

Sararichi carraa hojii uumurra darbee ogeeyyiin kumni 3 ol carraa leenjii akka argatan taasisuun Indaastirii Baaburaaf bu’ura cimaa kaa’uu himameera.

Chaayinaan Ijaarsa bu’uuraalee misoomaa Ityoophiyaaf ijaaruu erga jalqabdee Ogummaa fi beekkumsa Oppireeshinii baaburaaf deeggarsi taasiifte kan dinqiisiifamu ta’uu ka’eera.

Daandiin Baaburaa Ityoo – Jibuutii Kiloo meetira 752 kan dheeratu yoo ta’uu, Afrikaatti sarara baaburaa humna elektirikaa daangaa ce’aa jalqabaa ta’uu ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment