Sagantaan kenna tajaajila lammummaa sadarkaa Oromiyaatti eegalame

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2012 (FBC) –Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad magaalaa Walisootti argamuun sagantaa kenna tajaajila lammummaa naannoo Oromiyaa eegalchiisan.
 
Sagantaa baniinsaa kana irratti Preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee hoggantoonni olaanoon naannichaa argamaniiru.
 
Olola cinaatti dhiisuun waliin taane misoomaa fi jijjiirrrama biyya keenyaaf yaa carraaqnu jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy sirnicharrti dubbii taasisaniin.
Namni onnee qulqulluun hojjetu qormaata kamiiyyuu ni darba, fuuldurri isaas ifaadha jedhan.
 
Kenna tajaajila lammummaan naannoo keenyaa fi ummata keenya yaa tajaajillu jechuun ergaa dabarsaniiru.
 
Kenni tajaajilaa Lammummaa akka hojii invaastimanttiitti ilaallamuu qaba jedhan.
 
Bara dheeraaf qabsoofnee bilisummaa argannee jirra, ammaan booda olola dhiisuun onnee qulqulluun ummata keenya tajaajiluu qabnas jedhan.
 
Maqaa walballeessuu caalaa waliin taanee ummata keenya ijaaruuf waliin hojjechuun bu’aa akka qabus ibsaniiru.
 
Garaagarummaa malee hojii Oromiyaa fi oromoo fayyadu hojjechuuf wal yaa deeggarru jedhaniiru.
 
Oromiyaan waa hundaan badhaatudha, bitaa fi mirga ilaaluu dhiifnee tokkummaan hojjennee badhaadhuf dhama’uu qabna jedhaniiru.
 
Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaas kenna tajaajila lammummaan rakkoo hawaasa keenyaa furuun Oromiyaa badhaate ijaaruuf ni hojjenna jedhan.
 
Ganna kana manneen barnootaa dabalataa fi mana kitaabaa ijaaruuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment