Finfinnee, Waxabajjii 27, 2014 (FBC) – Sagantaan jalqabsiisa duula Ashaaraa magariisaa fi walga’iin koree giddugaleessaa Liigii Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa magaalaa Dabra Birhaanitti gaggeeffamaa jira.
Saganticharratti Qindeessaan Ijaarsa Sirna Diimookiraasii Paartii Badhaadhinaa Dooktar Alamuu Simeen Ashaaraa isanii kaa’uu ibsameera.
Dargaggoonni jeequmsaaf osoo hin taane misoomaaf kan dhaabbatan ta’uu Ittaanaan Preezdaantii Liigichaa fi hogganaan Waajjira Liigii Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa Akiliiluu Taaddasaa eeraniiru.
Ganna kana sadarkaa biyyaalessaatti biqiltuu biiliyoona 2.2 kan dhaaban ta’uu ibsuun, hojii tola ooltummaa gannaarratti bal’inaan kan hirmaatan ta’uu eeraniiru.
Tigist Tasfaayeetu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.