Sagantaan Itiyoophiyaa qulqulluu fi Ashaaraa Magariisaa lammiilee fayyaa qabeessa horachuuf qooda olaanaa qabu jedhame

Finfinnee, Fulbaana 8, 2017 (FBC) – Sagantaan Itiyoophiyaa qulqulluu fi Ashaaraa Magariisaa lammiilee fayyaa qabeessa horachuuf qooda olaanaa qabaachuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan ibsan.

Biyya qulqulluu fi naannawaa mijataa uumuun lammiileen dhibeewwan daddarboof akka hin saaxilamne qooda qabaachuu dubbataniiru.

Manneen Fincaanii sadarkaa isaanii eeggatan ijaaruun fayyaa hawaasaa eeguuf gahee olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Sosochiin Itiyoophiyaa qulqulluu manneen Fincaanii jijjiirurra darbee haala jireenyaa fi nyaataa jijjiiruuf kan dandeessisu ta’uu himaniiru.

Sagantaan Ashaaraa Magaariisaa Itiyoophiyaan lammiilee fayya qabeessa horachuuf bu’uura ta’uu dubbataniiru.

Hojiilee kanneen caalmaatti cimsuuf bulchiinsa magaalotaa fi dhaabbilee deeggartootaa waliin tumsaan kan hojjetan ta’uu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment