Sagantaan Imaammata Qonnaa fi misooma Baadiyyaa beeksisuu gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2017 (FBC)- Sagantaan Imaammata Qonnaa fi misooma Baadiyyaa beeksisuu gaggeeffamaa jiraachuun ibsame.

Waltajjicharratti Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amantee, Hoggaantoonni Olaanoo Fedeeraalaa, naannoolee fi qondaaltonni dhaabbiilee itti waamamtoota biroon argamaniiru.

Imaammanni qonnaa fi Misoomni baadiyyaa, tarsiimoo fi misooma Imaammata baadiyyaa raawwachiisuuf tooftaleen bocamuun bara 1994 eegalee hojirra ooluun ni yaadatama.

Imaammatichi oomishtummaa guddisuuf ,hiyyummaa hir’isuuf, wabii nyaataa mirkaneessuu fi qonni guddina diinagdeef gahee isa akka bahatu kan dandeessisu ta’uun ibsameera.

Kaayyoon imaammatichaa bu’uurri, lammiilee qonnaa fi oomishtummaan wabii nyaataa isaanii hin mirkaneeffane deeggaruu, dhiyeessi galteewwan Indaastirii guddisuu, sirna eegumsa naannoo fooyyaa’aa diriirsuu fi ce’umsa caasaa baadiyyaa galmaan ga’uuf ta’uun eerameera.

Imaammatichi bulchiinsaa fi itti fayyadama lafa baadiyyaa bosona, qabeenya Uumamaa,Teeknooloojji, Sirna dhiyeessi tajaajilaa fi galtee, bulchiinsaa fi itti fayyadama bishaanii fi dhiyeessi oomishaa saffisiisuuf haala kan mijeessu ta’uun ibsamuu TOI gabaaseera.

Imaammanni Qonnaa fi misooma Baadiyyaa haaraan Eebla 17, 2016 Mana Maree Ministirootaan ragga’ee hojirra ooluun ni yaadatama.

Comments (0)
Add Comment