Sagantaan Horsiisee bulaan dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa akka dandamatu gargaaru ifoome

Finfinnee, Hagayya 13, 2016 (FBC) – Gaanfa Afrikaatti Sagantaan Horsiisee bulaan dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf taattaaffii taasiisu tumsu ifoomeera.

Ministeerri Qonnaa, Sagantaa Nyaataa fi Qonna Addunyaa waliin waliigalticha mallatteesseera.

Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Fiqiruu Raggaasaa fi Itiyoophiyaatti bakka bu’aan dhaabbatichaa Faraayuu Ziimuudiziin waliigalticha mallatteessaniiru.

Sagantichi biyyoota Gaanfa Afrikaa 4 keessatti hojiirra kan oolu ta’uu eerameera.

Sagantichi maallaqa deeggarsaan Gamtaa Awurooppaarraa argame Yuuroo miiliyoona 47 hojiirra kan oolu yoo ta’u, kana keessa Yuuroo miiliyoonni 6.25 Itiyoophiyaatti hojiirra oola jedhamuu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment