Sagantaan hariiroo dargaggoota Afrikaa cimsuu ifoome

Finfinnee, Fulbaana 9, 2015 (FBC) – Koreen Biyyaalessaa Waajjira Muummee Ministiraa fi Ministeera Dhimma Alaan hundaa’e dargaggoota lammiilee Ityoophiyaa fi biyyoota Afrikaa biroo gidduutti hariiroo cimsuuf sagantaa qophaa’e ifoomsaniiru.

Waajjira Muummee Ministiraatti Miseensi Giddugala Ijaarsaa Diimookiraasii fi Barreessaan Koree Biyyaalessaa Akiliiluu Taaddasaa fi Ministeera Dhimma Alaatti Daayrektarri Jeneraalaa Biyyoota Afrikaa Ambaasaaddar Fissahaa Shaawul waloon ibsa kennaniiru.

Akiliiluu Taaddasaa ibsichaan, sagantaan hariiroo dargaggoota biyyoota Afrika cimsuu ifoomuu hordofee har’arraa eegalee sagantaaleen sadii akka gaggeeffaman eeraniiru.

Haaluma kanaan Embaasiiwwan biyyoota Afrikaa 13’tti akkasumaas hariiroo seenaa qabeessaa ityoophiyaa waliin kan qaban Embaasii Kuubaa fi Afriikaa Kibbaatti sagantaan maaddii qooduu ni gaggeeffama.

Sirna kanarrattis barreeffamoonni hariiroo Ityoophyaa fi biyyootaa cimsan kan dhiyaataniidha jedhameera.

Fulbaana 19, 2015 sagantaan “Plant African Fraternity” jedhamu kan eegalu yoo ta’u, dargaggoonni Ityoophiyaa biyyoota Afrikaa ollaatti biqiltuu dhaabuu, marii fi daawwannaa gaggeessu jedhameera.

Sagantaa kunis Sudaan, Sudaan Kibbaa, Somaaliyaa, Keeniyaa, Jibuutii, Eertiraa fi Ruwaandaatti gaggeeffama jedhame.

Kana malees, baatii Onkoloolessaa keessa daraggoota biyyoota Afrikaarraa walitti baba’an kan hirmaachise sagantaan “Gamtaa Abdii Afrikummaa” ni gaggeefama jedhan.

Ambaasaaddar Fissahaa Shaawul gama isaaniin, Afrikaanonnii fi Ityoophiyaanonni hedduun tokkummaa isaanii akka argisiisan kaasaniiru.

Kanaan dura, michummaan Ityoophiyaa fi Afrikaa sadarkaa hoggansaatti daangeffamuu yaadachiisanii, sagantaan hariiroo ifoome kun sadarkaa daragaggootaa, hayyootaa fi hoggansa duraaniitti babal’isuuf kan tumsuudha jedhan.

Carraan kunis dhaloonni itti aanu hariiroo hanqina abbootii waliin qabaniin addaan cite guutuuf, abbootii olmaa kaleessaa beekanii badhaadhummaa Afriikaa caaluuf akka hojjetan kakaasuuf ta’uu hubachiisaniiru.

Tsaggaayee Wandasantu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment