Magaalaan Finfinnee magaalaa Jaalalaan keessa jiraatan malee kan itti waldhiibanii miti – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2013 (FBC) – Sagantaan guduunfaa duula nu filadhaa Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee bakka deeggartoonni paartichaa miiliyoonaan lakkawwamanitti gaggeeffameera.
Miseensi Koree Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa fi itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee duula nu filadhaa baatiwwan lamaaf gaggeeffamaa turerratti hirmaanaa miseensonnii fi deeggartoonni paartichaa taasiisaniif galateeffataniiru.
Jiraattoota magaalichaaf maqaa garaagaraa laachuun hin qoodnu, magaalaan Finfinnee kan waljaalchiiftu malee kan walolchiiftuu miti jedhan.
Aadde Adaanach, Paartiin Badhaadhinaa paartii gaaffii bara dheeraa jiraattoota magaalichaa deebisuu danda’eedha jedhan.
Hojiileen misoomaa yeroo gabaabaa keessatti hojjete kanaaf ragaa ta’uu ibsan.
Miseensonnii fi kaadhimamtoonni Paartilee morkattootaa fi paartii Badhaadhinaa biyyi paartii kamiiyyuu ol ta’uu hubachuun garaagarummaan yaada siyaasaan jiru akkuma jirutti ta’ee obbola’ummaan dhugaa jiru qabannee addabaabayiitti ba’uu qabna jedhan.
Sagantaan galateeffannaa fi guduunfaan duula nu filadhaa Paartii Badhaadhinaa Addabaabayii Masqalaatti gaggeeffameera.
Jiraattoonni magaalichaa hedduun saganticharratti hirmaachuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment