Sagantaan Ganna Baalaa Shaayii dhaabuu Aanaa Gachiitti eegalame

Finfinnee, Adoolessa 2, 2016 (FBC)- Sagantaan Ganna Baala Shaayii dhaabuu Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Gachiitti eegalame.

Saganticharratti Sadarkaa Ittaanaa Pirezidaantiitti Qindeessaa Kilaastara Magaalota Oromiyaa Obbo Masfin Malaakuu fi Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun fi qondaaltonni godinivhaa fi godinaalee ollaa argamaniiru.

Bulchaan Godina Buunnoo Beddellee Obbo Amaan Danuu godinichatti ciccitaa baala shaayee miliyoona 67 ol buufata biqilaatti qopha’aa ture keessaa miliyoonni 57 lalisuun dhaabbiif qaqqabuu ibsaniiru.

Ganna kana biqilaa miliyoona 21 ol dhaabamuu eegaluu dubbataniiru.

Obbo Geetuu Gammachuu santicharratti akka jedhanitti naannichatti biqilaan baala shaayee miliyoona 400 ol qophaa’uu ibsuun biqiltuu miiliyoona 70 ol dhaabuuf sagantaan dhaabbii eegalameera.

Obbo Masfin Malaakuus gama isaaniin inisheetiiviin baala shaayee diinagdee qonnaan bultootaa fi alergii biyyaa guddisuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsan.

Biqiltuu dhaabuun carraan hojii bal’aan uumamuu ibsuun, fuuldurattis warshaan qindeessa baala shaayee gaafa dhaabbatus bal’inaan carraa hojii uumaa jedhan.

Inisheetiiviiwwan misoomaa bahan akka milka’aniif mootummaan deeggarsa barbaachisu akka taasisus mirkaneessuu ragaan kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment