Sagantaan galii walitti qabuu ‘Birrii tokko Namoomaaf’ jedhuu eegale

Finfinnee, Muddee 18, 2014 (FBC)- Sagantaan galii walitti qabuu ‘Birrii tokkoo Namoomaaf’ jedhuun galii Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 20 walitti qabuun eegalameera.

Deeggarsicha Ityoophiyaatti lammiilee deeggarsa barbadaaniif Sagantaan galii walitti qabuu ‘Birrii tokkoo Namoomaaf’ jedhuun Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 20 walitti qabuu eegalameera.

Saganticha Dhaabbanni Tola Oltoota wa’ee jaalalaa Ityoophiyaa, Komishinii Hoggansaa Sodaa Balaa Ityoophiyaa fi Galmaa aadaa fi Tiyaataraa Ityoophiyaa waliin tumsaan kan gaggeessaniidha jedhameera.

Sagantichi kutaa magaaloota Finfinneetti hundaatti kan gaggeeffamuu ta’uu hoji gaggeessaan Dhaabbata Tola Oltoota wa’ee jaalalaa Ityoophiyaa obbo Daani’eel Axinaafuu ibsaniiru.

Dhaabbilee amantaa, manneen barnootaa, dhaabbilee mootummaa fi dhuunfa akkasumas gurmaa’insa biroo waliin ta’uun hojjechuuf qophii ta’u himaniiru.

Hawaasni biyyatti waraanaa gaggeeffamaa jiruun lammiilee miidhaamanii deeggarsa barbadaaniif Birrii tokkorraa eegalee hanga danda’uu akka tumsuu waamicha dhiyeessaniiru.

Maddi:-TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment