Finfinnee, Bitootessa 5, 2017 (FMC) – Sagantaan galateeffannaa walharkaa fudhiinsa baallii Gadaa 72fffaa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Saganticharratti Hogganaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa, Hoggantuu Biiroo Aadaa fi Turizimii Aadde Jamiilaa Simbiruu dabalatee hoggantoonni, ogeessonni miidiyaalee fi kominikeeshinii argamaniiru.
Obbo Hayiluu Addunyaa ergaa dabarsaniin, Odeeffannoo si’ataa fi fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf hojii hojjetameen injifannoon argamuu himan.
Miidiyaaleen jalabultiirra eegalanii adeemsa bifa sirna gadaa calaqqisiisuun taateewwan guyyaa dabarsa baallii hojii ciminaan hojjetaniif galateeffataniiru.
Aadde Jamiilaa Simbiruu gamasaaniin, miidiyaaleen fooramiin ijaaramuun kutannoon hojii gama hundaan hojjechaa jiruun bu’aan gaggaariin argamuu eeruun, midiyaaleen hojii gurguddoo kanneen akka Ayyaana Irreechaa addunyaatti beeksisuu dabalatee baallii gadaa Booranaa 72ffaa dadhabbii fi nuffii malee waan hojjettanii milkeessitaniif galata qabdu jedhan.
Uummataaf hojjechuun kabaja waan ta’eef fuulduraafis caba kaleessa ture itichaa hojiilee xiyyeeffannoo barbaadan waliin ciminaan hojjechuu gaafatas jedhan.
Dassaalany Abarraatu gabaase.