Sagantaan galateeffannaa koree waloo nageenyaa fi tasgabbii gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2014 (FBC)- Sagantaan galateeffannaa koree waloo nageenyaa fi tasgabbii federaalaa gaggeeffamaa jira.

Korichi taateewwan biyyoolessaa fi idil addunyaa biyyattitti gaggeeffamaan rakkoo nageenyaa tokko malee akka xumuramaniif qaamoleen garagaraa shooraa isaanii ba’aaniif galateeffateera.

Sagantaan galateeffanna kun kan dhiyaate raayyaa ittisa biyyaaf, poolisii federaalaa, poolisii federaalaa, poolisii Oromiyaa, humna eegumsaa rippabilikaa fi tajaajila nageenya odeeffannoofidha.

Sagantaa kanarratti Muummee Ministira Abiy Ahimad dabalatee Komishinarri Komishiinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash G/Mikaa’eel, qaamolee dhaabbilee nageenyaa fi kessummoonni waamichi taasifameef argamuu ragaan Ministeera raayyaa ittisa biyyaarra ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

Comments (0)
Add Comment