Sagantaan eegalchiisa giddugala paabilik dippiloomaasii dhaabbilee barnoota olaanoo gaggeffama jira

Finfinnee, Caamsaa 4, 2014 (FBC) – Sagantaan eegalchiisa giddugala paabilik dippiloomaasii dhaabbilee barnoota olaanoo Yuunvarsiitii Haramayaatti gaggeffama jira.

Saganticharratti Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii dabalatee miseensonni seeneetii Yuunvarsiitii, barsiisonni, barattoonnii fi hoggantoonni hirmaataniiru.

Yuunvarsiitichi waggoottaniif damee qonnaan qorannoowwan rakkoo furan biyyaaf gumaachaa turuu Ambaasaaddar Diinaan eeraniiru.

Yeroo ammaa yuunvarsiitichi ga’ee damee qonnaan biyyaaf gumaachurra darbee dhiibbaawwan alaa dandamachuuf wantoonni hedduun kan irraa eegamu ta’uu ibsuun, kanaaf ammoo qophii ta’uun barbaachisaadha jedhaniiru.

Filannoo yeroon gaafatutti fayyadamuun faayidaa biyyaalesaa kabachiisuu fi birmadummaa biyyaaf waardiyyaa dhaabachuun barbaachisaa ta’uu addeessaniiru.

Sagantichaan dhimmaa fi faayidaa biyyaarratti lammiileen hundi gama paabilik dippiloomaasiin biyyasaaniif akkamitti falmuu fi dhiibbaa uumuu akka danda’anirratti barattoota ga’oomsuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Adisuu Mulunahi fi Tashoomaa Hayiluutu gabaase.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment