Sagantaan duula qulqullinaa keessummoota gara biyyaa dhufan simachuu ifatti eegale

Finfinnee, Muddee 9, 2014 (FBC)- Waamicha Muummeen Ministira FDRI Abiy Ahimad taasisaan sababeeffachuun sagantaan duula qulqullinaa keessummoota gara biyyaa dhufan simachuu ifatti eegaleera.

Keessummoonni kunneen gara Finfinnee hanga seenaatti guyyoota jiraniitti jiraattoota magaalichaa waliin duulli qulqullinicha sadarkaa itti aanaa kantiibaatti hoji gaggeessaa magalichaa obbo Xiraatuu Bayyanaa eegalchiisaniru.

Duula qulqulliinicha hoji raawwachiistuu olaantuu kutaa magaalaa Nifaas Silki Laaftoo aadde Natsaannat Dhaabaa, hoji raawwachiisaa olaanaan kutaa Magaalaa Yakkaa obbo Yittaayaal Darajjee fi hoggantoonni hojii mootummaa kutaa magaalaa biroon hirmaataniiru.

Saganticharratti haasaa kan taasisaan obbo Xiraatuun, diyaaspoorota miiliyoona 1 gara biyyaa dhufan jaalalaan simachuu fi yeroo turtisaaniis bilisummaan akka dabarsan nageenya magaalichaa mirkaneessuu magaalaa Finfinnee, qulqulluu, mijattuu fi bareedduu taasisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Hawaasni diyaaspooraa gara Ityoophiyaa dhufuu ayyaana Qillee akka kabajuu fi haala qabatamaa Ityoophiyaa akka ilaaluu waamicha dhiyeessuu ragaan waajjira prees seekretariyaatii magaalaa Finfinneerra argamee ni muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment