Sagantaan Dargaggoota kuma 600 ol fayyadamtoota taasisu ifoome

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2016 (FBC)-Inistitiyuutiin Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa fi Faawundeeshiniin Maaster Kaardi kalaqa hojii qonnaan sagantaa dargaggoota kumaa 600 ol fayyadamtootaa taasisu ifoomsan.

Sagantichi dargaggootaa dubartootaa %80 ol fayyadamtootaa akka taasisus eerameera.

Deegarsa Doolaaraa miiliyoona 74.5 Faawundeeshinii Maaster Kaardirraa argameen Naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Tigraay, Giddugaleessaa Itiyoophiyaa, Kibba Lixa Itiyoophiyaa, Kibbaa Itiyoophiyaa fi Somaaleetti kan hojiirraa oolu ta’uun ibsameera.

Sagantaan “ADEY” jedhamu kun galteewan qonnaa fi bittaa fi gurgurtaa qonnaan, sona dabaluu fi qindeessa qonnaan, nyaata beeyladootaa fi tajaajila makkaanaayizeeshiiin, dargagootaa hirmaachisuun carraa hojii kan uumuudha jedhameera.

Sagantichii dhiyeessii faayinaansii, qonna dijitaalawaa fi fooyyessa imaammataa taasisuun carraalee hojii haaraa fi waaraa dargaggootaaf kan uumu ta’uun ibsameera.

Sagantaa kanaan dargaggoota kuma 611 fi 343’f carraa hojii uumuuf kan karoorfame yoo ta’u, kana keessaa hojii dhunfaa kan qabanii kuma 427 ol fi kanneen miindeffaman kuma 183 ol ammoo fayyadamtootaa kan taasisu ta’uu ragaan inistitiyuuticharraa argame ni mul’isa.

Hoji Gaggeessaa Olaanaan Inistitiyuutii Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Dooktar Maandaafiroo Nigusee, sagantichi carraa hojii uumuun garasitti, jireenya dargaggoota dubartootaarratti jijjiirma fiduuf dandeettii dabalataa akka ta’u ibsaniiru.

Daayrektarri Faawundeeshiii Maaster Kaardi Itiyoophiyaa Saamu’eel Yaalawu gama isaaniin, sagantaan “ADEY” dargaggoonni beekumsaa fi hubannaa teeknoolojii akka argatan kan taasisuudha jedhaniiru.

Comments (0)
Add Comment