Sagantaan dandamachiisa bosonaa fi irra lafaa ifoome

Finfinnee, Muddee 19, 2014 (FBC)- Ministeerri Qonnaa, Inistiitiyuutii Misooma Magariisaa Idil Addunyaa fi dhaabbanni Tumsaa Idil Addunyaa Kooriyaa waloon hojiirra kan oolchan  Sagantaan dandamachiisa bosonaa fi irra lafaa ifoomuu ibsame.

Sagantichi jijjiirama qabeenya qilleensaa qolachuu fi bosonaa fi irra lafaa dandamachiisuuf kan oolu ta’uu eerameera.

Sagantichi naannoowwan yaa’aatti lafa qullaa deebisanii dandamachiisuuf kan kaayyeffate ta’uu fi hojiirra oolmaasaaf Doolaarri miiliyoonni 9 fi kumni dhibbi 6 ramadamuu ibsameera.

Sagantaan kun waggoota 5 dhufanitti hojiirra kan oolu yoo ta’u maallaqa baasii isaaf oolu dhaabbataTumsaa Idil Addunyaa Kooriyaan kan uwwufamu ta’uu ibsameera.

Maddi:- TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment