Sagantaan Ce’umsaa Dijitaalaa Finfinnee eegalchiisuu gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Mudde 20, 2015(FBC)- Sagantaan Ce’umsa Dijitaalaa (Smart city) Bulchiinsa Mgaalaa Finfinnee Goolambaa Saayinsiitti gaggeeffamaa jira.

Saganticharratti Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee fi qondaaltoonni hojii sadarkaa federaalaa fi keessummoonni biroon argamaniiru.

Pirojektoonni Finfinneen sadarkaa idil addunyaa kan guuttee, jiraattotaaf gama hundaan mijattuu taasisan kan ifooman ta’uun eerameera.

Pirojektiin kunis dhaabbilee teeknooloojii biyyattii guguddoon kan irratti hirmaatanii fi Finfinneetti dameewwan hedduun jijjiiramoota bu’uuraa kan mirkaneessan ta’uu ragaan Waajjira Kantiibaa magaalattiirraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment