Finfinnee, Hagayya 28, 2016 (FBC)- Abbaan Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Itiyoophiyaa damee Aviyeeshinii sadarkaa caalutti ceesisuuf Sagantaa Ce’umsaa Siviil Aviyeeshinii Biyyaalessaa ifoomse.
Ministir Deetaan Ministeeraa Geejjibaa fi Loojistiksii Dheengee Boruun akka ibsanitti, Afrikaarraa adda durummaa indaastirii aviyeeshiniin Itiyoophiyaa itti fufsiisuuf damicha ammayyeessuuf gama maraan xiyyeeffannaan hojjetamaa jira.
Sagantichi damicha teeknooloojii utubuun, fulduratti hojiin nageenyaa indaastirii aviyeeshinii teeknooloojii giddugaleeffatee eegsisuun kan itti fufu ta’uu himuu TOI gabaaseera.
Daayrektarri Olaana Abbaa Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Itiyoophiyaa Geetachoo Mangisteen gama isaaniin, sagantichi Itiyoophiyaan nageenyummaa damee aviyeeshinii eegsisuuf kutannoo qabaachuu akeekaniiru.
#Oromia #Ethiopia