Sagantaan beeksisaa fi galii walitti qabuu kitaaba Dhaloota Ida’amuu Naannoo Kibbaatti gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Bitootessa 30, 2015 (FBC)- Sagantaan beeksisaa fi galii walitti qabuu kitaaba Dhaloota Ida’amuu Naannoo Sabaa fi Sabalammoota Ummatoota Kibbaatti gaggeeffamuu eegaleera.

Sagantichi Godina Guraagee Aanaa Sooddoo Paarkii Dhaagaa Umamaa Xiyyaa keessatti gaggeeffameera.

Galiin gurgurtaa kitaabichaarraa argamu misooma naannawaa Hambaa Dhagaa Umamaa Idila Addunyaa Xiyyaaf kan oolu ta’uun ibsameera.

Gurguraa kitaabichaarra Birriin miiliyoonni 246 ol walitti qabamuu miidiyaan naannichaa gabaaseera.

Saganticharratti, Pireezidaantiin Naannoo Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaa dabalatee qondaaltonni olaanoo sadarkaa federaalaa, naannoo, godinaalee fi aanaalee akkasumas abbootiin qabeenyaa fi jiraattonni naannichaa argamaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment