Finfinnee, Bitootessa 16, 2013 (FBC) – Saganticha ilaalchisee koreen biyyaalessaa qophii sagantichaa har’a ibsa laateera.
Sagantaan beekkamtii laachuu Kolooneel Atleet Daraartuu Tulluu Dilbata dhufu Hoteela Iskaay Laayitiitti kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.
Saganticharratti hoggantoonni olaanoon mootummaa, hawaasni Atleetiksii fi keessummoonni waamichi kabajaa taasiifameef kan argaman ta’uu korichi ibseera.
Atleet Daraartuun bara 1992 Oolimpikii Baarseelaanaatti gaggeeffameen fageenya meetira kuma 10 Ityoophiyaa fi Afrikaa bakka bu’uun durbartii meedaaliyaa warqee jalqabaa argamsiifteedha.
Dorgommiiwwan Oolimpikii, Shaampiyoonaa Atleetiksii addunyaa, dorgommii qaxxaamura biyyaa, Waancaa Ardiilee, Shaampiyoonaa addunyaa umrii waggaa 20 gadii, Shaampiyoonaa Atleetiksii Afrikaa, Atleetiksii addunyaa xummuraa, Gooldan Liigii,Maaraatoonii idil addunyaa fi Shaampiyoonaa Atleetiksii Ityoophiyaan waliigala meedaaliyaa Warqee 13, Meetii 2, Nahasiii 1 fi Dippiloomaa 3 Ityoophiyaaf argamsiifteerti.
Kolooneel Atleet Daraartuu Tulluu Gammachuu hojii Invastimantiinis Hoteelootaa fi iddoolee bashannanaa hedduu ijaaruun lammiilee baay’eef carraa hojii uumuu korichi ibsa baaseen eereera.
Hojiilee tola ooltummaa hedduu hojjechuu ishees ibsameera.
Akkasumas sadarkaa Afrikaa fi Ityoophiyaatti hoggansa ta’uun hojiilee jaalatamoo fi ijaarsa biyyaaf murteessaa ta’an raawwachuu himameera.
Sababa kanaan Kolooneel Atleet Daraartuu Tulluuf kabajaa fi beekkamtii maluuf laachuun barbaachisaa ta’ee argamuu isaan sagantaan kun qophaa’uu korichi beeksiisuu isaa ragaan Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.