Sagantaan barattootaa WMO’f Beekamtii fi badhaasa kennuu gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 1, 2017 (FBC)-Sagantaan barattoota Mana Barnootaa Bultii Addaa WMO qabxii olaanaa galmeessaniif beekamtii fi badhaasa kennuu gaggeeffameera.

Beekamtii fi badhaasni kunis Barattoota Mana Barumsaa Bultii Addaa WMO bara 2016tti qormaata kutaa 12ffaa fudhatanii qabxii olaanaa galmeessaniif kan kenname ta’uun ibsameera.

Daayrektarri Olaanaan Waldaa Misooma Oromiyaa Obbo Dajanee Itichaa WMO’n bara 1985 kan hundaa’e hojiiwwan misoomaa guguddaa hojjechuun giddugala muuxannoo ta’uu himaniiru.

Waldichi gaaddisa uummata Oromoo ta’uu eeruun, barattoonni Mana barumsaa waldichaas caalmaatti hojjechuun biyya jijjiiruu akka qaban dhaamaniiru.

Walitti Qabaan Boordii Waldichaa Abbaa Duulaa Gammadaan gama isaaniin barattoonni Waldaa Misooma Oromiyaa qabxii olaanaa galmeessisuu eeranii naamusaafi biyyaaf daran hojjechuun kan irraa eegamu ta’uu hubachiisaniiru.

Hogganaan Itti Aanaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar Galaanaa Waldamikaa’el manneen barnootaa kuma 32 keessaa manni barumsaa bultii addaa barattoota qormaata fudhatan hunda dabarsuu himaniiru.

Tasfaayee Ijjiguutu gabaase.

Comments (0)
Add Comment