Sagantaan baniinsa Shaampiyoonaa Teenisa Minjaalaa Ga’eessotaa Afrikaa adeemsifamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2017 (FBC) – Sagantaan baniinsa Shaampiyoonaa Teenisa Minjaalaa Ga’eessotaa Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaa, Pireezidaantii Federeeshinii Teenisa Minjaalaa Afrikaa Kaaliid Alsaayii fi Pireezidaantiin Federeeshinii Teenisa Minjaalaa Itiyoophiyaa Tasfaayee Bizaaneen saganticharratti argamaniiru.

Itiyoophiyaa, Aljeeriyaa, Naayijeeriyaa, Gaanaa, Seeneegaal, Angoolaa, Beeniin, Afrikaa Kibbaa, Ruwaandaa, Toogoo, Kaameeruun, Sudaanii fi Ugaandaan shaampiyoonicharratti ni hirmaatu jedhame.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment