Sagantaan Badhaasaa jalqabaa ‘Jagool Awwaard’ gaggeeffame

Finfinnee, Eebla 19, 2015 (FBC) – Naannoo Harariitti ayyaana Shawaal Iid waggaa 1444ffaa sababeeffachuun sagantaan Badhaasaa jalqabaa ‘Jagool Awwaard’ gaggeeffameera.

Kajamuun ayyaanichaa aadaa fi duudhaa ummata Hararii beeksisuu fi guddisuurratti qooda olaanaa qabaachuu ibsameera.

Gareen hog barruu, Godambaan biyyaalessa Hararii fi Godambaan dhuunfaa Shariif sadarkaa biyyaalessaatti beekkamtiin argataniiru.

Guyyaa kanaa eegalee kabaja ayyaana Shawaal Iid waliin bara baraan sagantaan Badhaasa Jagool Awwaardi kan gaggeeffamu ta’uu eerameera.

Bara kanaas Dooktarri kabajaa Abduullahii Alii Shariif badhaasicha injifateera.

Waggoota 34f nama dhuunfaa hambaalee aadaa fi amantaa kuma 30 Godambaa keessatti tursiisuun dhalootaaf dabarsaniiru ibsameera.

Maraa’ool Kadirtu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment