Sagantaan badhaasa Odaa Awwaard marsaa 6ffaan Mudde 18 gaggeeffama

Finfinnee, Mudde 6, 2015(FBC)- Sagantaan badhaasa Odaa Awwaard marsaa 6ffaan  Mudde 18 Paarkii Michummaatti kan gaggeeffamu ta’uu ibsame.

Saganticha Dhaabbanni Maltii Miidiyaa Bashaatuu Tolamaariyaamiifi Biiroon Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa waliin kan qopheessan ta’uu ibsameera.

Sagantichaan dorgomtoonni 60 ol dameewwan muuziqaa, fiilmiifi kitaabaan kan hirmaatan ta’uu qopheesitoonni badhaasichaa ibsa miidiyaaleef kennaniin eeraniiru.

Hojiiwwan aarti damee muuziqaa, fiilmii fi kitaabilee walaloo fi asoosama badhaasa kanaaf kaadhimaman warreen Fulbaana 1, 2014-Qaammee 5, 2014tti  maxxamfaman yookaan Uummata bira gahan ta’uu ibsameera.

Ulaagaa kaawwaameen dorgommicha kan madaalaniifi qabxii Kennan aartiirratti ogeeyyii qorannoo gaggeessaniifi dhaabbilee barnoota olaanoo keessa barsiisan  akkasumas  muuxxannoo olaanaa qaban ta’uu eeramera.

Hawaasnis karaa ergaa gabaabaa 8222 sagalee kennuu danda’a jedhameera.

Badhaasa Odaa Awwaard bara kana irratti  badhaasni umrii guutuu qophaa’uufi ogeeyyiin afaanota biroos kan badhaafaman ta’uu ibsameera.

Sagantaan badhaasichaa guutuun walta’iinsa Faanaa Broodkaastiing Koorporeetiin dhiyaata jedhameera.

Siisaay Warquutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment