Sagantaan Ashaaraa Magariisaa kutaalee magaalee Finfinnee keessatti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Adooleessa 4, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti guyyaa har’aa biqiltuu miiliyoona 1 dhaabuuf Sagantaan Ashaaraa Magariisaa kutaalee magaalee hunda keessatti gaggeeffamaa jira.

Sagantaa kun mata duree “Finfinneen biqiltuu miiliyoona 1 dhaabuun ni kunuunsiti’ jedhuun
gaggeeffamaaa jira jedhame.

Itti Aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee kutaa magaalee Araadaa aanaa 02tti argamuun ashaaraa isaanii kaa’aniiru.

Guyyaatti tokkotti biqiltuu miiliyoona 1 dhaabuun sagantaa Ashaaraa magariisaa milkeessuurra darbee qa’ee keenyatti nyaata oomishuuf waggaa waggaan bifa addaan kan hojjetamu ta’a jedhan.

Bulchaa olaantuun kutaa magaalaa Araadaa Dooktar Yeeshii Nigusee gama isaaniin guyyaa har’aa kutaa magaalichaatti biqiltuun kumni 23 kan dhaabbatu ta’uu kaasaniiru.

Sadarkaa itti aanaa kaantibaatti qindeessan kenna tajaajilaa dhaabbilee mootummaa obbo Zhaanxiraal Abbay kutaa magaalaa Eekkaatti argamuun hoggansaa fi ogeeyyii qulqullinaa waliin sagantaa Ashaaraa magariisaan biqiltuu dhaabuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment