Finfinnee, Adooleessa 2, 2013 (FBC) – Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Ityoophiyaan gaggeessaa jirtu biyyoota naannichaaf fakkeenya ta’uu Dargaggoonni Biyyoota Baha Afrikaa dubbataniiru.
Sagantichi jijjiirrama qabeenya qilleensaa addunyaa dhiphisaa jiruuf furmaata ta’uu himaniiru.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Ityoophiyaan gaggeessaa jirtu ishee qofaaf osoo hin taane Ardichaaf faaydiaa olaanaa qabaachuu eeraniiru.
Sagantichi sadarkaa ardichaatti babal’achuu akka qabu ibsaniiru.
Jijjiirrama qabeenya qilleensaa addunyaa dhidhiphisaa jiruuf furmaanni misooma magariisaa qofa ta’uu kaasaniiru.
Rakkicha furuuf biyyoonni Ityoophiyaarraa muuxxannoo qooddachuu akka qaban himaniiru.
Uwwisa fayyaa fi midhaan nyaataa mirkaneessuuf jijjiirrama qabeenya qilleensaarratti xiyyeeffannoon hojjechuun murteessaa ta’uu eeraniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.