Sagantaan Ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaan hojiirra oolchaa jirtu addunyaaf fakkeenya ta’uu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2016 (FBC) – Sagantaan Ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaan hojiirra oolchaa jirtu addunyaaf fakkeenya ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa ibse.

Tattaaffii addunyaan qabeenya jijjiirama qilleensaa qolachuuf taasiisaa jiruuf sagantaan Ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaan hojiirra oolchaa jirtu fakkeenya ta’uu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyyuu Tadlaan himaniiru.

Ambaasaaddar Nabiyyuun bu’aa dippiloomaasaa Ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Waggoottaan shanan darban sagantaa Ashaaraa magariisaan hojiin hojjetame Afrikaa fi biyyoota Addunyaa biroof fakkeenya ta’uu dubbataniiru.

Itiyoophiyaa biqiltuuwwna miiliyoonaan lakkaawwaman biyyoota ollaaf kennuu kaasaniiru.

Kanaanis tattaaffii jijjiirama qabeenya qilleensaa naannawichaa to’achuuf taasiifamu keessatti adda duree ta’uu himaniiru.

Jijjiirama qabeenya qilleensaa qolachuun hojii qabatamaa akka barbaadu mul’isuu eeraniiru.

Biyyoonni 200 ol ta’an sagantaa Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaan hojiirrra oolchaa jirturraa muuxannoo qoodachuu himuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment