Sagantaan agarsiisaa hojii kalaqaalee naannoo Oromiyaa Galmaa Giddugalaa aadaa Oromootti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2014 (FBC)- Sagantaan agarsiisa hojii kalaqaalee naannoo Oromiyaa Abbaa Taayitaa Saayinsiif Teeknooloojii Oromiyaatiin qophaa’e Giddugala Aadaa Oromootti gggeeffamaa jira.

Sagantaa kanarratti dargaggoonni hojii kalaqaa hojjetan godinaalee Oromiyaa adda addaa irraa dhufan hojiiwwan hojjetan poostaraan qopheessuun agarsiisaa muuxannoo isaanii kanneen biroof qoodaa jiru.

Sagantaa kanaan dargaggoota hojii kalaqaa hojjetaniif beekamtiin ni kennama jedhameera.

Waldaan kalaqxoota Oromiyaa ni hundeeffamaan eegama.

Leensaa Dirribaatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment