Sagantaan Afxiraa Dooktar Abiy Ahimad qopheessan kabaja Itiyoophiyaan Godaantootaaf qabdu kan agarsiisuudha jedhame

Sagantaan Afxiraa Dooktar Abiy Ahimad qopheessan kabaja Itiyoophiyaan Godaantootaaf qabdu kan agarsiisuudha jedhame

Finfinnee, Bitootessa 8, 2017 (FMC) – Sagantaan Afxiraa Ministrri Mummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad nuuf qopheessan kabaja Itiyoophiyaan godaantootaaf qabdu kan agarsiiseedha jedhan Godaantoonni biyyoota garaagaraa saganticharratti argaman.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad godaantoota biyyoota garaagaraa Itiyoophiyaa jirataniif sagantaa Afxiraa Masaraa Biyyaalessaatti qopheessaniiru.

Saganticharratti kan argaman godaantoonni biyyoota garaagaraa Itiyoophiyaan biyya wayita rakkoo keenyaa oolmaa gaarii nuuf oolteedha jedhan.

Sagantaan Afxiraa qophaa’ees kunuunsa Itiyoophiyaan godaantootaaf qabdu kan agarsiiseedha jedhan.

Itisaam Kaalid Yamanirra kan dhufte yoo ta’u,saganticharratti yeroo 2ffaaf hirmaachuu ibsite Afxirri Dooktar Abiy nuuf qopheessaniin akka maatii keenyaa bira jirutti gammadnerra jechuun ibsiterti.

kunuunsa Dooktar Abiy Ahimad godaantootaaf taasisaaniifis galateeffateerti.

Akkasumas godaantoonni biyyoota, Iraaqi fi Sooriyaarraa dhufan yaada kennaniin, sagantaan Afxiraa Masaraa biyyaalessaatti qophaa’e waloomni kan itti mul’ate ta’uu eeruun, kabaja Itiyoophiyaan godaantootaaf qabdu kan calaqqiseedha jedhan.

Daayirektarri Olaantuun Tajaajila Godaansaa fi Godaansaa Deebitootaa Xayibaa Hasan gamaasaaniin, Itiyoophiyaan godaantoota biyyoota garaagaraa miiliyoona 1.2 simachuun keessummeessaa jiraachuu dubbataniiru.

Kunis Itiyoophiyaan sadarkaa Idil Addunyaatti godaantoota simachuun eegumsaa fi kunuunsa barbaachisuu taasisaa jiaachuu kan mul’isudha jedhan.

Sagantaa Afxiraa Masaraa Biyyaalessaatti qophaa’erratti godaantoonni biyyoota 12rraa dhufan kan hirmaatan yoo ta’u, Ministrirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad wagga waggaan sagantichaa kan qopheessan ta’uu himuu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment