Sagantaaleen Hundeeffama Naannoo Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa har’aa fi Boru ni gaggeeffama

Finfinnee, Sadaasa 13, 2014(FBC) – Godinaaleen 5 fi aanaan addaa tokko waliin ta’uun naannoo Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa hundeessuun har’aa eegalee ni gaggeeffama.

Naannoon Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa naannoo 11ffaa ta’uun ni hundeeffama jedhame.

Murtoo ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa Fulbaana 20 gaggeeffame hordofee sagantaan naannoo Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa 11ffaa hundeessuun har’aa fi Boru ni gaggeeffama.

Hundeeffama naannichaaf hoggantoonnii fi kutaaleen hawaasaa godinaalee 5 fi aanaa addaa 1 irraa walitti dhufan argamaniiru jedhame.

Keessummoonni Naannolee fi Federaalaa hundeeffama kanarratti hirmaachuuf magaalaa Boongaa galaniiru.

Guyyaa boruu naannoon Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa naannoo 11ffaa ta’uun Heerri mootummaa naannichaa ni ragga’aan eegama.

Preezdaantii fi Af Yaa’iin naannichaa ni moggaafamuun eegama.

Tasfaayee Marreessaa fi Fireew Alamaayyoohutu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment