Sagantaa waliigahiinsa elektirikiin lammiileen miiliyoonni 10 ol fayyadamoo ta’uun ibsame

Finfinnee, Hagayya 21, 2016 (FBC)- Sagantaa waliingahiinsa elektirikii biyyaalessaan lammiileen miiliyoonni 10 ol fayyadamtoota humna elektirikii ta’uu Ministeerri Bishaaniifi Inarjii beeksiseera.

Ministeerri Bishaanii fi Inarjii raawwii sagantaalee ‘waliigahiinsa elektirikii biyyaalessaa fi “Adeel“jedhamuu gamaaggamaa jiraachuun ibsameera.

Waltajjicharratti Gorsa Ministira Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Mootummaa Maqaasaa, Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Aadde Samaariitaa Sawaasawu, Hojii Raawwachiisa Olaanaa Tajaajila Elektirika Itiyoophiyaa Obbo Shifarraa Taliilaa fi hoggantoonni Biiroolee Bishaaniif Inarjii Naannoolee argamaniiru.

Itiyoophiyaatti waliingahiinsa humna elektirikaa dabaluuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Obbo Mootummaan dubbataniiru.

Haaluma kanaan sagantaalee ‘Waliingahiinsa Elektirikaa Biyyaalessaa fi “Adeel ‘jedhaman bocuun hojiiraa oolchaa jiraachuu ibsaniiru.

Sagantaa Waliin gahiinsa elektirikaa biyyalessaan lammiileen miiliyoonni 10 ol fayyadamoo humna elektirika ta’uu eeraniiru.

Sagantichi deeggarsa Baankii, Addunyaarraa argame Doolara miiliyoona 625’n hojiirra oolaa jiraachuun ibsameera.

Gama biraatiin Sagantaa “Adeel” jedhamuun lammiilee miiliyoona 5 ol fayyadamoo taasisuuf bajanni Doolara miiliyoona 500 ramadamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Comments (0)
Add Comment