Sagantaa wabii nyaataa magaalotaatin fayyadamtoota jalqabaatif kaffaltiin baatii sadii akka laatamuuf murtaa’e

Finfinnee, Bitootessa 30, 2012(FBC) -Sagantaa wabii nyaataa magaalotaatin fayyadamtoota jalqabaatif kaffaltiin duraa baatii sadii akka laatamuuf murtaa’e.

Koreen proojaktii seeftineetii misooma magaalotaa federaalaa sababii weerara vaayrasii koroonaatin lammiileen harka qalleeyyii ta’an fayyadamoo akka ta’an murteewwan dabarseera.

Murtichi rakkoo hawaasummaa fi diinagdee hawaasa saaxilamoo fi fayyadamoo sagantaa seeftineetii utubuuf oola.

Walitti qabduun korichaa ministirri Ministeera Misooma Magaalaa fi Koonistiraakshinii Injiinar Ayishaa Mahaammad murticha ilaalcha keessa galchuudhan qophiileen taasifamaniiru jedhan.

Haaluma kanaan fayyadamtoonni proojaktichaa magaalota 11 kaffaltii duraa ni argatu jedhan.

Sababii weerara vaayrasichaatin lammiilen sagantichaan hin hammataminii fi harka qalleeyyii ta’an kaffaltii duraa kan baatii sadii akka argatan murtaa’era.

Fayyadamtoonni sagantichaa qusannaa kaa’atanirraa %50 rakkoo hawaas diinagdee ittiin oollachuuf akka baafatan murtaa’era jedhan.

Kunis Ministeera Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa waliin hojiirra kan oolu ta’a.

Magaalota 16tti lammiileen weerarichaaf saaxilamoo ta’uu malan kaffaltii baatii sadii akka argatan murtaa’era.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment