Sagantaa sosochii geejjibaa nageenya tiraafikaa marsaa 7ffaan gulufii biskileetii fi lafoo deemtootaa magaalaa shaashamannetti gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 26, 2013 (FBC) – Sagantaa sosochii geejjibaa nageenya tiraafikaa marsaa 7faan gulufii biskileetii fi lafoo deemtootaa qindominnaa Abbaan Taayitaa Geejibaa Oromiyaaa Fi Ministerri Geejjibaa waliin ta’uu qopha’ee magaalaa Shaashamannetti gaggeeffameera.
Kayyooon sagantichàs balaa tiraafikaa waliin haa ittifnuu kan jechuudha.
Dhadannoo Geejjibni motora maleeyyii filannoo kootii. Miilaan imaluun fayyummaadha dhadannoo jedhuunis kan gaggeeffameera.
Hoogganaan Abba Taayitaa Geejjibaa Bulchinsaa Magaalaa Shaashamanne obbo Abdoo Gabayyoo rakkoo balaa tiraafikaan mudatuu hirisuuf, qindominnaa bulchinsaa magaalaa Shashamannee fi godinaa Arsii lixaatiin motoraa al seerummaan socha’aa turaan 90 gumurukaa mootummaaf galii taasisuu himaniruu.
Balaawwan motoraa dhufaa turaanis hir’achuu danda’eraas jedhaniiru.
Itti Aanaa Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaaa obbo Xilaahuun waadaraa magaaloota keessaatti geejjibnni konkolaataa fi motoraa heddumachuun daandii dhiphisuun balaa tiraafikaa akka mudachuu danda’uu himaniruu.
Kana hir’isuuf miilaan imaluun balaa tiraafikaa hir’isuu ni danda’ama jedhaan.
Itti Aanaa Kantibaa Bulchiinsaa Magaalaa Shaashamannee geejjibni guddinna biyyaaf iddoo guddaa qabaa Jedhaan.
Yaa ta’uu malee balaan gahuus guddadha jedhan; rakkoowwan kana hordofanii dhufaan motoraa saamichaa gaggeessun magaalicha keessatti mul’acha tureera jedhan.
Saganticharrattii geejjibni biskileeta, agarsiifni ispoortii tukaandoo fi wuushuutis mul’ifameera.
Ariitiin umrii malee karaa hin gabaabsuu; qaammee hanga qaammeetti, ni geenyaa balaa tiraafikaa waalin taanee Yaa ittisnuu jechuun waamichi dhiyaateera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment