Finfinnee, Sadaasa 3, 2014 (FBC) –Gabaan ‘Oro-Fresh’ Agamsa (Markaatoo), Tuullu Diimtuu fi Jamootti banamuu fi qophiin xumuramuu hojii gaggeessaan Waldaa Oro-fresh Dooktar Adaree Assaffaa beeksisan.
Gabaa banamaan (open market) torban darbe Finfinnee naannawa Saarbeetiitti Aksiyoona ‘Oro-Fresh’n eegalame torban kanas itti fufuun bakkeewwan saditti akka banamu ibsameera.
Haaluma kanaan boruu fi Dilbata (iftaan) naannawa Agamsa (Markaatoo), Tulluu Diimtuu fi Jamootti kan eegalamu ta’uu Dooktar Adaree Asaffaa himaniiru.
Yeroo itti aanuutti kutaalee magaalaa Finfinnee 11’n keessatti gabaa banamaan kun kan saaqamu ta’uus eeraniiru.
Adeemsa keessas gaafa guutummaatti hojiitti seenamuu gabaa omisha ho’aa (Fresh Market) akka ta’u himaniiru.
‘Oro-fresh’ guddinaa fi jajjabina qonnaan bulaa, oomishtootaa fi yuuniyeenotaarratti kan xiyyeeffatee fi dandeettii diingadee gabbisuuf kan hojjetu ta’uu ragaan waajjira preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaarraa argamee ni muul’dhisa.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com
/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.