Sagantaa ‘Oro-Fresh’ jedhuun oomisha qonnaan bulaa kallattiidhaan gabaa giddugaleesaaf dhiheessuuf qophiin xumuramuu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2014 (FBC) – Sagantaa ‘Oro-Fresh’ jedhuun oomisha qonnaan bulaa kallattiidhaan Gabaa giddu galeesaaf dhiheessuuf qophiin xumuramuu mootummaan naannoo Oromiyaa ibseera.

Saamicha Oomisha Qotee Bulaa Ooyiruu irratti raawwatamaa ture hambisuufis hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Qindeessaan kilaastera misooma Baadiyaa Oromiyaa Obbo Abdurahamaan Abdallaa, qonnaan bulaan naannoo Oromiyaa sababa Cancala dalaalaatiin oomisha isaa irraa bu’aa yaadamu argachaa hin turee jedhan.

Rakkoo walitti hidhamiinsa gabaa irraan kan kahe kanaan dura Qonnaan Bulaan Oomisha isaa gabaa giddugaleessaatti dhiheeffachuuf hedduu rakkachaa ture jedhaniiru.

Sababa kanaanis qaalayiinsi gabaa hamaachaa dhufuun dandeettiin  shammattoonni oomisha dhihaate bitachuuf qaban gadi bu’aa dhufe.

Faallaa kanaammo daldaltoonni seeraan alaa bu’aa hin malle akka argatan taasisaa tureera jedhaniiru.

Ammaan booda garuu daldaltoota seeraan alaas tahe,Faddaaltonni cancala isaanii diriirsuun Qonnaan bultootatti gufuu tahuu hin danda’an qophii hundaas xumureerraa jedhan Obbo Abdurahamaan.

Gabaa tasgabbeessuudhaaf Oomishaafi kanneen oomisha barbaadan wal quunnamsiisuufis sagantaa Oro-Fresh jedhuun Oomisha Qonnan Bulaa kallattiidhaan gabaa giddu galeesaaf dhiheessuuf qophiin xumuramuudha Obbo Abdurahamaan kan hubachiisan.

Oomishaaleen qonnaan bulaas suupermaarketiiwwaniifi iddoowwan filataman hundatti kallattiin akka dhihaatanis yaadachiisaniiru.

Yaaddessaa Geetaachootu Gabaase.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment