Sagantaa leenjii dhibee onnee daa’immaniirratti walta’iinsaan hojjechuuf waliigalteen mallatteeffame

Finfinnee, Mudde 7, 2015(FBC)- Ministeeraa Fayyaa fi “Congenital heart Academy” gidduutti sagantaa leenjii addaa dhibee onnee daa’immaniirratti walta’iinsaan hojjechuuf waliigalteen mallatteeffame.
 
Waliigaltechaan deeggarsaa akkaadaamikii fi ga’umsa ogeeyyii wal’aansa addaa dhibee onnee daa’immanii guddisuuf akkasumas tajaajila wal’aansaa dhibee onnee daa’immanii fooyyessuuf ni tumsa jedhameera.
 
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa waliigaltechi, sagantaa wal’aansa dhibee onnee waaraa fi hunda galeessa ta’e mirkaneessuuf akkasumas, guddina ogummaa muuxannoo fi leenjiin fooyyessuuf, sagantaan wal’aansaa dhibee onnee akka milkaa’uuf, fedhii tajaajila dhibamtootaa dhibee onnee Ityoophiyaa guutuuf murteessaadha jedhaniiru.
 
Walitti qabaan “Congenital heart Academy” Pirofeesar Agaatii Saalvaatoore gama isaaniin, walta’iinsichi ga’umsa wal’aansaa dhibee onnee daa’immanii guddisuuf carraa akka uumu himuu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
Comments (0)
Add Comment