Sagantaa kitaabolee walitti qabuu adeemsifamaa jira

Finfinnee, Hagayya 14, 2012 (FBC) – Sagantaa kitaabolee walitti qabuutin kitaabonni kumni dhibbi 3 fi kumni 50 ol walitti qabaman.
 
Biiroon Barnootaa Oromiyaa akka beeksisetti manneen kitaabotaa 600 ol Oromiyaatti ijaarramaniif sagantaan gumaacha kitaabaa har’a Hagayya 14,2012 eegalameera.
Ganna bara 2012 manneen kitaabaa ummataa 600 ol naannoo Oromiyaatti gurmaa’uun ibsameera.
Manneen barnootaa hunda keessatti iddoon dubbisaa “reading Park” tajaajila lammummaatin ijaaramaa jiru.
 
Manneen kitaabotaa kanneen kitaabotaan guutuuf, har’i Hagayyi 14,2012 guyyaa gumaachaa akka ta’u waamichi dhiyaatee akka ture ni yaadatama.
Haaluma kanaan amma ammaatti kitaaboleen kumni dhibbi 3 fi kumni 50 ol gumaachamaniiru.
 
Sagantaan kunis Giddu Gala Aadaa Oromootti ganama har’aarraa kaasee adeemsifamaa jira.
Saganticharratti keessummoonni kan argaman yoo ta’u, hirmaataan hundi kitaabota gumaachuun ga’eesaa akka ba’atu waamichi dhiyaatera.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment