Finfinnee, Sadaasa 21,2015 (FBC)- Sagantaa goolaba baatii dargaggoota Afrikaa 16ffaan magaalaa Dirree Daawaatti gaggeeffamaa jira.
Baatiin dargaggoota Afrikaa 16ffaan mata duree “ hirmaannaa ho’aan dargaggootaa guddina namoomaaf” jedhuun baatii tokkoof naannolee garaagaraatti kabajamaa turuufi miidhaa baalli sammuu namaa hadoochu dargaggootarraan gahurratti odeeffannoowwan faayidaa qabeessa ta’an darbaa turuu yaadachiifameera.
Saganticharratti Ministira Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeefi Ittaanaa Kantiibaa magaalaa Dirree Daawaa obbo Harbii Buuhii dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon biroon argamuu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.