Finfinnee, Guraandhala 6, 2015 (FBC) – Ministeerri Barnootaa Sagantaa fooyya’iinsa Dandeettii(Remedial Program) Yuunivarsiitiwwan mootummaa fi filannoowwan garaagaraan barnoota hordofuuf qabxii darbiinsaa ifoomeera.
Ministeerichi bara barnootaa 2014 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhachuun kanneen % 50 fi isaa ol fidan tilmaamama keessa galchuun, akkasumas haala qormaatichi itti laatamee fi dhimmoota biroo giddu galeeffachuun Sagantaa fooyya’iinsa Dandeettii(Remedial Program) yeroo tokkoof qofa tajaajilu hojiirra akka oolu murteessuun kan yaadatamuudha.
Haaluma kanaan barattoonni qabxii darbiinsaa % 50 gadi galmeessaanii ulaagaalee argamaan gadii guutuun fayyadamoo sagantichaa kan ta’an ta’uu ibseera.
1.Filannoo lamaan(Dhaabbilee dhuunfaa fi Mootummaatti ) sagantaa fooyya’iinsa dandeettiin barachuuf barattoonni qormaataa fudhatan hunda % 30 fi isaa ol jechuun 700 keessaa 210, 600 keessaa 180 fi 500 keessaa 150 kan galmeessan ta’uu qabu.
2. Lakkoofsa tokorratti kan eerame akkuma jirutti ta’ee dhaabbilee Mootumaa keessatti baasiin mootummaan uwwifamee sagantaan kanaan barnoota isaanii kan baratan kanneen qabxii darbiinsaa sagantichaaf kaa’ame guutaan qofa ta’uu eereera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.