Finfinnee, Adooleessa 26, 2013 (FBC)- Sagantaa Ashaaraa magariisaatin biqiltuuwwan biiliyoona 6 dhaabuuf karoorfameen biqiltuun biiliyoonni 5.2 dhaabbachuu Ministeerri Qonnaa beeksiseera.
Biqiltuuwwan biiliyoona 5.2 dhaabbatan keessaa hedduun isaanii kuduraa fi mudura ta’uu Ministeera Qonnaatti daayreektarri eegumsa misooma qabeenyaa umamaa obbo Tafarii Taaddasaan ibsaniiru.
Hanga ammatis naannoolee Oromiyaatti biiliyoona 3, kibbaatti miiliyoona 800, naannoo Amaaraatti miiliyoona dhibba 5, Sidaamaatti miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoonni 50 dhaabbateera.
Biyyoota olaatti biqiltuu biiliyoona 1 dhaabuuf Ministeera Dhimma Alaa waliin raawwatamaa jiraachuu EBCn gabaaseera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.