Sagantaa Ashaaraa magariisaan Jibuutii hirmaachisuun faayidaa waloo hedduu qaba-Obbo Dammaqaa Mokonnin

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2015 (FBC)- Sagantaa Ashaaraa magariisaan Jibuutii hirmaachisuun faayidaa waloo hedduu qaba jedhan Ittaanaan Muummee Ministiraa fi ministirri dhimma alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin himan.

Jilli dippiloomaasii Ityoo-Jibuutii Paarkii ICT keessa biqiltuu dhaabeera.

Saganticharratti Obbo Dammaqa Makonnin rakkoo gammoojjumaa addunyaa qoraa jiruuf, furmaata ta’uu kan danda’u Ashaaraa Magariisaa Ityoophiyaan eegalte ta’uu kaasanii, biyyoonni Afrikaa hedduunis akka muuxannootti fudhachaa jiru jedhan.

Kunis milkaa’ina dippiloomaasii magariisaatiif galtee ta’uu himaniiru.

Jibuutiinis gama kanaan nu waliin dhaabachuusheetti gammanneerra jedhan Obbo Dammaqaan.

Hariiroon biyyoota lamaanii gama maraan yeroo kammiyyuu caala cimuu akka qabus akeekaniiru.

Ashaaraa isaanii kaa’uunis hariiroon jiru dhalootaa dhalootatti akka darbuu fi hidda jabaa akka qabaatu kan taasisuu ta’uu ibsaniiru.

Hariiroon biyyoota lammaniis akka biyyoota ollaattii qofa osoo hintaane faayidaa waloo fi ollummaa addaatiin kan ilaalamuudha jedhan.

Addis Taammiraatitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment