Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf qophiin biqiltuu fi boolla qopheessuu xumurame

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2014 (FBC) – Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf qophiin biqiltuu fi boolla iddoo dhaabbii qopheessuu xumuramuu Ministeerri Qonnaa beeksise.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara kanaa guutuu biyyattiitti guyyaa boruu kan eegalu ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad guyyaa kaleessaa ifoomsanii turan.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf Biqiltuun biiliyoonni 6 olii fi boolli iddoo dhaabbii qophaa’uu Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Proofeesar Iyyaasuu Eeliyaas ibsaniiru.
Iddoolee Latiinsa Biqiltuuf mijatoo ta’an adda baasuun boolli dhaabbiif oolu qophaa’uu eeraniiru.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaas guyyaa boruu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ni eegalchiisuun kan eegamu ta’uu Proofeesar Iyyaasuu eeraniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment