Finfinnee, Bitootesa 12, 2017(FMC) – Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara 2017’f hanga ammaatti biqiltoonni biiliyoonni 4.7 qophaa’uu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amantee ibsan.
Guyyaan Bosonaa Idil- addunyaa mata duree “Bosonaa fi Nyaata” jedhuun kabajamaa jira.
Saganticharratti Ministirri Qonnaa Dooktar Girmaa Amantee, Walittiqabaa Itti-aanaan Koree Dhaabbii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Mubaarak Eliyaas, Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Pirofeesar Iyyaasuu Eliyaas, Daayireekterri Olaanaan Misooma Bosonaa Itiyoophiyaa Kabbadaa Yimaam fi hoggantonni federaalaa fi naannoolee argamaniiru.
Dooktar Girmaa Amantee wayituma kana akka dubbatanitti, Itiyoophiyaan teessuma lafaan, qabeenya uumamaan akkasumas qabeenya qilleensaa mijataan kan badhaatee dha.
Heddummina lubbu-qabeeyyiinis biyyoota addunyaa irratti maqaan isaanii ka’u keessatti akka argamtu dubbatan.
Bosonni oomishtummaa ittifufiinsa qabu fiduu keessatti gahee murteessaa akka qabus ibsan.
Kanaan dura yaadamni diinagdee ture bosona waan hin bu’uureffanneef hubamuu bosonaaf ka’umsa ta’uu kaasanii, amma biyyattiin imaammata kana sirreessu baastee hojiitti hiikaa jiraachuu kaasaniiru.
Yaada Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad maddisiisaniin hojiirra oolaa kan jiru Sagantaan Ashaaraa Magariisaa uwwisa bosonaa guddisuurra darbee misooma fuduraaleen meeshaa wabii nyaataa mirkaneessu ta’uu himan.
Nyaataaf ooluurra darbees gabaa alaaf dhiyaachuun madda dinagdee ta’aa jiraachuu fi carraa hojii uumuu keessattis ga’ee olaanaa ba’aa jiraachuu eeraniiru.
Mootummaan yeroo kamuu caalaa eegumsa qabeenya naannoof xiyyeeffannoo kennuu kan dubbatan Dooktar Girmaan, dhaabbii biqiltuu Ashaaraa magariisaa bara 2017f hanga ammaatti biqiltuuwwan biliyoonni 4.7 qophaa’uu ibsaniiru.
Misoomni Bosonaa Itiyophiyaas damicha beekumsaa fi ogummaan ogganuuf ga’ee irraa eegamu ba’achaa akka jiru Daayireektarri Olaanaan Misooma Bosonaa Itiyoophiyaa Kabbadaa Yimaam himuu isaanii TOI gabaaseera.