Saganataa ashaaraa magariisaa baranaan biqiltuuwwan firiin isanii nyaataaf oolu miiliyoona 500 ol ni dhaabamu

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2014 (FBC) – Saganataa ashaaraa magariisaa baranaan biqiltuuwwan firiin isaanii nyaataaf oolu miiliyoona 500 ol kan dhaabaman ta’uu Koreen Teekinikaa Sagantaa Ashaara Magariisaa Biyyaalessaa beeksise.
Sagantaan ashaaraa magariisaa marsaa 4ffaa baranaa, baatii kana walakkeessarraa akka eegalu himameera.
Qindeessaan Koree Teekinikaa Korechaa Dooktar Adifiras Warquu akka eeranitti, sagantichaan biqiltuu dhaabuu qofa utuu hintaane lafti manaca’e akka dandamatu taasisa.
Yeroo ammaa biyyattiitti buufataalee biqiltuu kuma dhibba 1 fi kuma 20 ga’uu ibsanii damee kanaanis carraa hojii bal’aan akka uumamu himaniiru.
Sagantaa ashaaraa magariisaa marsaa 4ffaa kanaan biqiltuuwwan firiin isaanii nyaatamu miiliyoona 500 qophaa’uu himaniiru.
Biqiltuuwwan kunneenis avookaadoo, paappayyaa, maangoo, appilii fa’aa ta’uu eeranii, waggoottan itti aanan keessa wabii midhaan nyaataan of danda’uu dabalataan faayidaa dinagdee akka guddisan eeraniiru.
Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin, biqiltuuwwan biiliyoona 6.3 ol dhaabuuf qophiin xumurameera.
Maddi:-TOI
keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment