Finfinnee, Onkololeessa 16, 2014 (FBC) – Sagaleewwan hammeenyaa adda nu qooduuf dhufan waloon ta’uun ni injifanna jedhan kaantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen.
Ityoophiyaa moo’achuun tasuma hin danda’amu jedhan.
Qabeenya uumamaa fi kennaa uumaan laateefitti humnoonni ijji isaanii diimatu baandaa keessaa waliin wal ta’uun sagaleewwan diigumsaa fi qoqqoodinsaa dhageessisaa jiraachuu ibsaniiru.
Gatii fi aarsaalee hedduun harka keenya kan geese biyya keenya dabarsinee hin laannu jedhaniiru.
Tokkummaa fi kutannoodhaan dhaabachuun gamtaan ni injifanna jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
Sagaleen diigumsaa kunniin ni badu, afaan biyya kiyyarratti banaman ni diigamu jechuun ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.