Safuun qabeenya uumamaa kunuunsuu dagaaguu qaba-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Sadaasa 9, 2016 (FBC)- Safuun qabeenya uumamaa kunuunsuu dagaaguu qaba jedhan Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Pireezidaanti Shimallis, qabeenya uumamaa kunuunsuun ‘Safuu’ ummata Oromoo ta’uu eeraniiru.

Safuun kunis dagaaguu qaba jedhanii, yaadamni paarkii fi ikoo-turizimii babal’ifamaa jiruus qabeenyicha kunuunsaa itti fayyadamuuf kan dandeessisu ta’uu gama miidiyaa haaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Haaluma kanaan, Mootummaan Naannoo Oromiyaa barana qofa paarkota haaraa 24 fi iddoowwan ikoo-turizimii haaraa 18 daangessuun labsuu yaadachiisaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment