Safuu fi Falasamaa Irreechaa

#Seensaaf

Oromoon waggoota dheeraa dura irreecha akka jalqabe hayyoonni ni dubbatu.

Ayyaanni Galateeffannaa fi Waaqeffannaa Irreechi Oromoo falaasaama fi ilaalcha Oromoon addunyaa kana keessatti humnaa waaqaa ibsu, jireenyaa lafaa kan raajuu fi icciitii jiruu fi jireenyaa dhalootaaf dabarsuudha jedhu hayyoonni.

Seenaa Oromoo keessatti uummata naannawaa Sulula Laga Mormor loon horsiisa lafa qotacha akka turan Instiitiyuutii Qorannoo Oromootti Qorataan Seenaa Moosisa Tolosaafi Qorataan Fookloriifi Ogabarruu Oromoo Geetaachoo Abarra ni himu.

Kanaan dura hortee Kuush kan ta’e nama Asraa jedhamu tokkootti kan ijoolee sadii- seet, Ooraa fi Ateet jedhaman qabu naannawaa sun jiraata akka ture himama jedhu.

Seetii fi Ooraan walloluun Seet Ooraa ajjeese maatiin addaan akka faca’ee ture, maatii kana walitti araarsuuf jecha Obboleettiin durbaa Ateet jedhamtu kun Sulula laga Mormoritti Marga Jiidhaa qabachuun, bakka awwaala Ooraa irraa Odaa dhaabuun waaqa kadhacha akka turtellee akka himamu dubbatu.

Eega sanii maatiin addaan faca’ee yoo walitti deebi’e Odaa fi Malkaan suni bakka araara ta’uun Oromoon achirra jalqabee akka bakka araara ta’eetti kan ilaalamu ta’uu himan.

#Irreecha_Malakaafi_Tullu

Hayyoonni kun akka jedhanitti irreechi yeroo lama akka geeggeeffamu himanii, Irreecha Malakaa fi kan Tullu ta’uu ibsaniiru.
Irreecha waqtii Arfaasa kan tulluutti irreeffatamuu yoo roobni roobu didee turu, Oromoon meeshaa ulfoo qabachuun, dubartoonni okolee qabachuun abbootiin bokkuu fi kallachaa qabatanii tulluu irratti bahani

Lafti ati uumtee baqaqtee jiidha feeti,
Sa’i ati uumte beela’e margaa nyaatu feeti,
Uumaan ati uumte roobaa barbaada
mee gororaa kee itti nuu tufii jechuun kadhatu.
Deebisii hormaata keenyaa nuu haaromsi jedhaniis kadhatu.

Achiin booda kormaa gurraacha bakka sunitti qalanii fuulduraaf gara Gannaatti deeman waan ta’eef aarsa dhiyeessuun sirnaa galateeffanna taasisan jedhan.

Oromoon Yeroo hongeen bu’ee qofa Waaqa hinkadhatu kan jedhani hayyoonni kunneen dukkana Ganni baate deemu, dhoqqeen liqimfamuu, bakakka rooba keessaa nagaan akka darbaniif amaana Waaqatti kennatu jedhan.

Waqtiin Gannaa dukkana dhoqqee baayyatu, lagni guute malkaa ce’uun dadhabamee, hurriin lafa uwwisee lafti dukkanaa’etti fakkeeffama.

Yeroo waqti isaa eegatee dukkanni Ganna ifaa aduutiin bakka bu’a deemu, daandiin dhoqqaa’e deemsa dhoowwee deemsaaf mijatu, sanyiin faca’ee biqilee daraare, dachee bareeche gara firiitti deebi’u, dukkanni ganna darbee abaaboon dachee guutu, Oromoon baga Booqa Birraa geessan jedha.

#Irreecha_Diinqaa

Irreechi bu’uurri isaa guddaan araaraafi nagaadha kan jedhan hayyoonni kunneen, namni dursa Irreecha Diinqaa kan jedhamuu irreeffachuun waldhabdeen maatii keessaa yoo jiraate uumamaa, nama fi ofiif erga dhiifama taasise booda gara irreechaa olla achumaan gara irreechaa sabaa kan hawaasni bakkeewwaan hedduu walitti dhufee irreeffata jechuun dubbatani.

Irreechi sadarkaa sabaatti irreeffatamu Abbootiin Gadaa bakka irreechaatti waa sadii labsu jedhani.

Isin waliif nagaa, uumaa fi uumamaaf nagaa jechuun labsan jedhu.
Marga qoraattii ofirraa hinqabne kan fakkoommi hormaataatti fakkeeffamaniif eebbaaf kan tajaajilan ardaalee irraa dhufan irraa buqqifachuun yeroo irreechaa ofitti, waan namni karoorfatee, hawwii gaarii qabu akka argatuuf hawwuudha jedhan.

Ofirra facaasuunis hameenya narraa dabarsii jechuu akka ta’e ibsa jedhan.

#Adeemsa_Irreeffannaa

Irreechi guyyaa galataa waaqa, namni hundi akkuma umrii isaatti uffataa aadaa uffatee, dargaggoonni bareedani, haawwanis faaya aadaan bareedani Abbootiin Gadaa Kallacha, Alangee fi Marga Jiidhaa Qabatani Durbaa Qarree fuulduraa aansuun, beera cifiree kan umriin deeman, Abbootii Gadaa fi foolleen akkasuma hawaasni walduraa duubaan gara malkaatti deemu.

Sababni adeemsaa gara irreechaatti taasifamu keessatti durba qarree fuuldura aansaniif dubartii qarreen seena irreechaa keessatti maatiin waldhabdeen jidduu isaanitti uumamuun addaan faffaca’ee ture kadhaa dubartii qarreetiin walitti deebitee, nagaa fi araarri bu’a jedhamee wan ilaalamuuf akka mallattoo qulqullummaatti ilaalama jedhama.

#Sirna_Axaarrii

Gara malkaatti deemuun dura Sirni Axaarrii Abbaa Malkaan gaggeeffama.

Sirni Axaarrii, malkaa irrechaatti namni utuu beekuus ta’e hinbeekin gochaa raawwatameef Abbaa Malkaan kan qulqullaa’uudha.

Waan ijaan mullataayoo qulqulleessan waan hinmullannee ammoo qalmi Abbaa Malkaan gaggeeffama.

Kun kan ibsu malkaa qulqulluu nama qulqulluutti dhaqee itti irreeffata jedhama.

Dimshaashumatti, hawaasni Oromoo duudhaa Sirnaa Gadaa Irreechaa irratti waan duudhaa cabsan haaloo qabatani akka hin dhufne, Abbaa Gadaa duraa akka hin Irreeffanne, Alaabaa Paartii kamiyyuu qabachuun dhorkaa akka ta’e, Malkaatti balfa gatuun Safuu akka ta’e, Uffataa Aadaa Oromoo hin ibsine uffachuun, faaya aadaa qabatamuu qaban qofa qabatani nagaan irreeffachuu akka qaban ibsan.

Irreechi ibsituu aadaa fi eenyummaa Oromoo akka ta’ee addunyaatti mul’isu qaban jechuun Qorataa Seenaa Moosisa Tolasaa fi Qorataan Fookloorii fi Ogabarruu Oromoo Geetaachoo Abarra dhaamaniiru.

Kululaa Garbichaatiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment