Finfinnee, Mudde 25, 2015(FBC)- Inistiitiyuutiin Sadarkaalee Ityoophiyaa Sadarkaalee gama fayyaa, eegumsa naannoofi daldalaan gahee olaanaa bahachuu danda’an kuma1fi 35 raggaasisuu ibsame.
Manni Maree Sadarkaalee Biyyaalessaa walgahii idilee Mudde 19,2015 gaggeesseen sadarkaalee dameewwan 7fi koreewwan teekinikaa 25’n qophaa’anii dhiyaatan kuma 1fi 37 keessaa sadarkaalee kuma 1fi 35 qoratee raggaasisuu eerameera.
Sadarkaaleen raggaasifaman gama diinagdee guddisuu, nageenya namaafi beelladootaa mirkaneessuu, eegumsa naannoofi daldala si’eessuun gahee olaanaa qabaachuu Daayrektarri Olaantuun Inistiitiyuutichaa Masarat Baqqalaa ibsa laataniin eeraniiru.
Sadarkaaleen kunneen ragga’uun faayidaa shammattootaa eegsisuufi hojiilee to’annoofi hordoffii hojiirra oolchuuf haala kan mijeessu ta’uu ibsuusaanii TOI gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.